Namoonni biyya lafaa hundinuu cubbuu cimaa du'aatti nama geessu hojjechuu isaaniitiin Samii irraa gad darbataniiru. Kanaaf, yeroo hundumaa cubbamoota ta’uu keenya yaadachuu qabna, of tuulummaa irraa of qusachuu, addunyaa hamaa kanaan walsimsiisuu diduu fi firdii du’a foonii keenya booda dhufu keessatti fayyuuf jireenya qalbii jijjiirrannaa jiraachuu qabna.
Warri dhuguma qalbii jijjiirratan warra kaan gara qalbii jijjiirrannaatti geessuufis laphee isaanii ni kennu. Akkuma haati dhugaa fi haati sobaa firdii Solomoon keessatti gocha isaaniitiin mul’atan, warri qalbii jijjiirrannaa gara Fayyinaatti geessu bira ga’anis gocha isaaniitiin laphee isaanii ni mul’isu.
Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.” Luqaas 5:32
Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.” Luqaas 13:5
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy