Israa’eloonni waaqa tolfamaa waaqeffannaa isaanii irraa erga qalbii geddaratanii booda tuuta Ajajawwan Kurnan isa lammaffaa kan argatan yoo ta’u, Waaqayyo guyyaa sana Waaqayyo biraa araara waan argataniif Guyyaa Araarri Buʼu jedhee moggaase.
Ayyaana Malakataa ji’a torbaffaa guyyaa jalqabaa akka kalaandarii qulqulluutti guyyaa kudhan booda Guyyaa Araarri Buʼu waan ta’eef ummanni hundi gara Waaqayyootti qalbii diddiirrachuu akka qaban argisiisuuf malakataa gaabbii sagalee guddaadhaan afuufameedha.
Akkuma Israa’eloonni bara Musee Guyyaa Araarri Buʼu guyyaa kudhan dura malakataa gaabbii afuufanii turan, nutis amma addunyaa guutuun gara Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haadha akka dhuftu waamuuf xurumbaa afuufuu qabna karaa cuuphaa fi ayyaanota kakuu haaraa.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.’ ”
Lewotaa 23:24
Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”
Luqaas 5:31–32
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy