Karaa Kiristoos sirriitti hordofuuf fannoo ofii keenyaa fudhachuu qabna. Yesuus inni Waaqayyo ta’e fayyina dhala namaatiif ba’aa fannoo baatee, abbootiin amantii kan akka Musee fi Ergamaa Phaawuloos gammachuu waliin fannoo gidiraa isaanii fudhatan. Haaluma wal fakkaatuun nutis fannoo ofii keenyaa baannee fayyinaaf karaa gidiraa irra deemuu qabna.
Akkuma Ergamaan Phaawuloos gidiraa hundumaa akka eebbaatti ilaale, karaa fannoo Kiristoos hordofuun, miseensonni Waldaa Waaqayyoo yeroo kamiyyuu gammachuu waliin fannoo isaanii fudhatanii amantii cimaadhaan karaa Waaqayyoo hordofu, Waaqayyoon galateeffachuu gonkumaa hin dagatan.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii. “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii. Maatewos 5:10–12
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy