Waaqayyo yeroo inni cubbuu Israaʼeloota waaqeffannaa waaqa tolfamaa keessatti kufanii dhiifama godhee fi Ajaja Kudhan lammaffaa isaaniif kenne yaadachuudhaan, Guyyaa Araarri Buʼu akka yaadannuuf guyyaa jalqabaa jiʼa torbaffaa dhaha qulqulluu Ayyaana Malakataa godhee muudeera. Kana malees, akkuma Ayyaana Malakataa irratti qalbii jijjiirrannaaf waamicha gochuuf malakanni afuufamu, Yesusis gara lafa kanaa dhufee ilmaan namootaa “Qalbii jijjiirradhaa” jedhee akka qalbii jijjiirratan dhaameera.
Akkuma Fakkeenya Ilma Badaa fi seenaa Yoonaas namoota 120,000 Nanawwee keessatti gara fayyinaatti geggeessuu isaa keessatti arginu, eebbi guddaan Waaqayyo biraa yeroo hundumaa hojii qalbii jijjiirrannaa hordofee qophaaʼa. Harʼas, ijaa fi garaa keenya gara biyya lafaatti garagalchineef akkuma Yoonaas qalbii jijjiirrannaa guutuu raawwachuu qabna, akkasumas addunyaan guutuun gara Kiristoos Aansaanghoong fi Waaqayyo Haadhatti akka deebiʼu waamuudhaan malakata afuufuu qabna.
“Israaʼelootaan akkana jedhi;‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.
Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani WAAQAYYO taʼe ni beektu, jedha WAAQAYYO Gooftaan.’ ”
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy