Akkuma Waaqayyo ulee tiksee Galaana Diimaa addaan qooduufi burqaawwan bishaanii dhagaa irraa akka yaa’an godhe, wanti harka Waaqayyoo keessa jiru hundi yeroo hundumaa humna guddaa qaba.
Har’a Waldaan Waaqayyoo ergama wangeela lallabuuf Samaariyaa fi hanga dhuma lafaatti argatte, carraaqqii dhuunfaa qofaan osoo hin taane humna Waaqayyootiin wangeela addunyaa guutuu galmaan ga’aa jirti.
Akkuma Siimson Filisxeemota kuma tokko lafee daakaa harreetiin injifate, akkuma mucaa dargaggeessa Daawit isa guddaa Goliyaad waliin lolee, akkasumas akkuma Pheexiroos, Yohaannis, Yaaqoob warra qurxummii qabatanii turan, bara kana keessa warri Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haadhatti amananii mootummaa samii abdatan seenaa guddaa galmeessaa jiru.
Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne. Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate. kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef. 1 Qorontos 1:26–29
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy