Milkaa’inni ykn kufaatiin hojii wangeelaa amantiin keenya Waaqayyo irratti hammam cimaa akka ta’e irratti hundaa’a. Akkuma Waaqayyo bara Gidewonii fi Iyaasuu lolatti nutti agarsiise, warri amantaan isaanii naannoo fi haala isaaniitiin raafamu waraana Waaqayyoo keessaa ni baafamu; seenaa injifannoo barreessuuf garuu, warra Waaqayyo irratti amantii cimaa qaban qofatti fayyadama.
Waaqayyo bara hundumaa karaa namni tokkollee yaaduu hin dandeenyeen qajeelchee jira. Bara Hafuura Qulqulluu keessattis, dubbii Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haadha, “Addunyaa fayyisaa,” jedhu guutummaatti yeroo amannu, ergama waraana samii kan ta’e wangeela mootummaa xumuruu ni raawwanna.
Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu. Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu. 2 Xiimotewos 2:3–4
Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera. Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.” Maatewos 28:18–20
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy