Solomoon wanta barbaade hunda raawwatus, dhumarratti, “Wanti hundinuu hiika hin qabu!” jedheera. Akkuma Aleksaandeer inni Guddichi amane, duuti yoo dhufe, namni harka duwwaa deebi'a. Kanaaf, gammachuu fi bashannana yeroo gabaabaa kan lafa kanaatiin quufuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa, abboommii isaa eegaa, mootummaa samii isa bara baraatiif jiraachuu qabna. Karaan ogummaa inni guddaan, gammachuu mootummaa samii keessatti bara baraan itti gammadnuuf jiraachuudha.
Ilmi namaa lafa kanarratti amanamnaan jiraatee, samiittis eebba Waaqayyoo argachuuf filachuu qaba. Miseensonni Waldaa Waaqayyoo, mootummaa samii fi jireenya bara baraatiif qophaa'uuf, guyyaa Sanbataa fi ayyaanota waggaa torban ni kabaju; hojii gaariidhaanis Waaqayyoon ni ulfeessu.
utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu. Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha. Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii. Lallaba 12:7–8
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy