Bara AI hojii namaa bakka bu’aa jiru kana keessatti ilmaan namootaa suuta suutaan bakka isaanii dhabaa jiru. Bara qorichi, ittisa biyyaa, barnoonni, dameewwan aartii fi ogbarruu illee hundi isaanii AIn bakka bu’uu danda’an kanatti, ilmi namaa egeree gammachuu bara baraa akka qabaatuuf abdii Waaqayyo kenne irratti amantii qabaachuu qaba.
Fuuldurri samii kan ilmi namaa hundi abdatu kakuu haaraa Waaqayyo nu barsiise keessa jira. Sababni Waaqayyo Abbaa fi Waaqni Haati Hafuura fi Misirroo ta’anii gara lafa kana dhufaniif Dhuma addunyaa dursanii arganii dhala namaaf egeree bara baraan gammachuu qabu kennuu waan barbaadaniif.
Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha. Isaayaas 46:10
Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna. 2 Qorontos 3:6
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy