Ergamaan Phaawuloos ulfina samii sadaffaa waan argeef raajii guddaa ta'uu danda'e. Uumama balʼaa ilmi namaa hubachuu hin dandeenye keessa Waaqayyo egeree ulfina qabeessa nuuf qopheessee jira. Kanaafidha ilaalcha bal’aa akka qabaannuuf, gara lafaa osoo hin taane, gara uumama cufaatti—jechuunis mootummaa samiitti—akka ilaallu kan nu waame.
Ulfina mootummaa samii fi egeree ifaa achitti nu eeggatu yaaduudhaan rakkina har’aa mo’uu qabna. Mootummaa samiitti amanuu yoo dadhabne, yeroo booda gidiraa yeroof ta’u gidduutti amantii keenya dhabnee dhugaa ni dhiifna. Haa ta’u malee, dhugaa mootummaa samii yoo hubanne, amantiin keenya guyyaa guyyaan guddachuudhaan, ulfina isaa irraa akka hirmaannu nu dandeessisa.
Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha. Roomaa 8:6
Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna. Roomaa 8:24–25
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy