Bara Hafuura Qulqulluutti, Waaqayyo Dubartii fi sanyii Ishee hafan fi Seexanaa fi hordoftoota isaa gidduutti lola hafuuraa guddaan akka ta’u Macaafa Qulqulluu keessatti raajii dubbateera. Waaqayyo warra fayyan warra hin fayyine irraa yommuu addaan baasu, Dubartii Waaqayyo Haadha taate cinaa dhaabbachuun qofaan lola hafuuraa guddaa injifannee eebba fayyinaa argachuu dandeenya.
Waaqayyo Ahnsahnghong Waaqayyo Haati karaa sirna maatii lafaa fi adeemsa uumama Hewaan akka jiruu fi miseensonni Waldaa Waaqayyoo, sanyii Dubartii hafan, ulfina Haadha Yerusaalem addunyaa guutuutti akka lallaban ifatti nu beeksise.
Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha. Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. Mul’ata 12:17–13:1
Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera; isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. Isin warri Waaqayyoon waammattan, ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa; hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa. Isaayyaas 62:6–7
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy