Mootummaa samii seenuuf ulaagaan kan warra fedha Waaqayyoo raawwatan qofaadha. Macaafni Qulqulluun ergaa fayyinaa Waaqayyoo isa dhala namaa hundumaaf ta'ee, raajota Hafuura Qulqulluun geggeeffamanii fedha Isaa galmeessaniin kan barreeffameedha. Kanaafidha Waaqayyo, dubbii isaa irratti gonkumaa akka itti hin dabalamne ykn irraa hin hir'ifamne ajaje.
Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyo, tokkicha utuu hin ta'in dachaan, tilmaamaan si'a 2,500 eerameera. Kana malees, akkuma haati addunyaa biqiltootaa fi bineensota akka fedha Waaqayyootti uumaman keessa jirtu, mootummaa samii keessattis Waaqayyo Haati isheen jireenya bara baraa kennitu, fi maatiin keenya hafuuraa kan samii akka jiran Macaafni Qulqulluun ragaa ba'a.
Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.” Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.” 2 Qorontos 6:17–18
Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya. Galaatiyaa 4:26
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy