Waldaa Yesuus waggaa 2,000 dura yeroo gara lafa kana dhufee Faasikaa Kakuu Haaraa hundeesse fayyina itti kenne, kan qulqulloonni Waldaa Durii akka Ergamoota Phaawuloos, Pheexiroosii fi Yohaannis itti hirmaatan, Waldaa Waaqayyoo ture. Haa ta’u malee, naannoo Jaarraa 4ffaatti, dambiiwwan Waaqayyoo haqaman, gochoonni warra ormaa Waldaa keessa seenaniiru. Ifni fayyinaa badee, Barri Dukkanaa jalqabe.
Akka raajii Macaafa Qulqulluutti, Kiristoos Ahnsahnghong bara 1964tti Waldaa Waaqayyoo Kooriyaa keessatti hundeessee, dhugaa Faasikaa Kakuu Haaraa Macaafa Qulqulluu fi hundee raajota irratti hundaa’uun Waldaa geggeesse. Innis “Pheexiroos Yesuus hordofa fi Ani Haadha hordofa” jedhee waa’ee Waaqayyoo Haadha, isa dhala namaa fayyisuuf gara lafa kana dhufte, ijoollee Isaatiif dhugaa ba’eera.
Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti: . . . 1 Qorontos 1:2
. . . isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti. Efesoon 2:20
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy