Yihudaan Isqariyoox duuka buutuu Yesuus taʼus, garaan isaa mootummaa samii utuu hin taane, qabeenya biyya lafaa irratti xiyyeeffate. Saanduqa qarshii imaanaa isaaf kenname keessaa fudhachaa ture, Maariyaam awwaalcha Yesusiif qopheessuuf shittoo gatii guddaatti fayyadamuu isheetiif illee ishee ceephaʼeera. Akkuma seenaan Daawitii fi Ahitofeel gaaddidduu raajii ta’ee tajaajiletti, Yihudaan Yesusiin meetii soddomatti gurguree, dhumarratti of fannisuudhaan raajii waa'ee du'a ofii isaa raawwate.
Akkuma Yihudaan Isqariyoox saanduqa maallaqaa imaanaan itti kennameen qorame, nutis qorumsa Seexanaa kan yeroo baay’ee naannoo keenya dhiyootti argamu irraa of eeggachuu qabna. Jireenya amantii keenyaas dubbii fi gocha ayyaana qabeessaan jiraachuu qabna. Warri amanamummaadhaan daandii gara mootummaa samii kan Kiristoos Ahinsaangihong fi Waaqayyo Haati ittiin geggeessan hordofan, Waaqayyoon ni ulfeessu, mootummaa samii keessattis ulfina bara baraa ni argatu.
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru. 1 Xiimotewos 6:7–10
Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha. Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.” Maarqos 14:20–21
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy