Fayyina dhala namaatiif, Waaqayyo Macaafa Qulqulluu nuuf kenneefi seera kakuu haaraa hundeesse. Akkuma Solomoon haati dhugaa mucaa eenyu akka taate karaa uumamaan jaalala haadholii murteessuu danda’e, bara kana keessattis, Waaqayyo warra kakuu haaraa inni ajaje eegan ijoollee isaa filatamoo akka ta’an beekeefi eebba fayyinaa kennaaf.
Har’a, Waldaan Waaqayyoo qajeelfama Kiristoos Ahnsahnghong fi Haadha Samii Yerusaalem Haaraa hordofti. Kakuu haaraa bade kan akka Sanbataa fi Faasikaa deebisanii, barsiisa fayyina lubbuu keenyaaf barbaachisu hunda nuuf kennan. Kanaafu, waadaa fayyinaa kan qabdu Waldaa Waaqayyoo qofa.
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan seera Waaqayyoo didanii ajaja isaas hin eeginiif, sababii isaan waaqota sobaa, waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan karaa irraa jalʼataniif, . . . ” Amoos 2:4
Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu; isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii. 1 Phexros 1:8–9
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy