Yesuus nama taʼee waan dhufeef, nyaata namootaa nyaatee, akkuma ilmaan namootaa jiraachaa waan tureef, namoonni lakkoofsa hin qabne Waaqayyo taʼuu isaa beekuu dadhabanii isa morman. Kanaafidha Macaafni Qulqulluun hafuurri Yesuus fooniin akka dhufe beeku hundi Waaqayyo biraa akka taʼe, hafuurri kana hin beekne hundinuu hafuura farra Kiristoos akka taʼe kan nu barsiisu.
Bara Hafuura Qulqulluutti Kiristoos Aansaanghoongii fi Waaqayyo Haati dhala namaa fayyisuuf dhufaniiru. Dhalli namaa eebba fayyinaa Waaqayyo biraa akka argatuuf, duraan dursee yaada ofii cinaatti dhiisee raajii Macaafa Qulqulluu, isa Waaqayyo foon uffatee yeroo lammaffaa akka dhufu labsu amanuu qaba.
Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada. Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha; 1 Xiimotewos 2:4–5
Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, ... 1 Yohannis 4:2–3
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy