Waaqayyo ilmi namaa hundi akka jiraatu hawwii guddaa qabaachuun abdii guddaa Faasiikaa hundeesse. Halkan fannoo irratti du’uu isaa dura, “Faasiikaa eeguu qabdu” jedhee ajajee dhaamsa isaa isa dhumaa nuuf dhiise.
Faasiikaan inni Waaqayyo ofii isaatii akka eegnu nu ajaje, gonkumaa aangoo namaatiin haqamuu hin danda’u. Akkuma Israa’eloonni Gibxii keessatti garbummaa yeroo dheeraa dandamatan karaa Faasiikaa bilisa ba’an, dhugaan Faasiikaa ilma namaa hundaaf, kan hidhaa du’aatiin hidhamee jiruuf karaa bilisummaa tokkicha.
Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture. Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan. Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture. Luqaas 22:7–15
Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. Yohannis 6:53–54
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy