Akkuma Qiiros mootiin Faares, Macaafa Qulqulluu keessatti raajii waa'ee ofii isaa argee baay'ee socho'ee, Israa'eloota booji'amuu jalaa bilisa baasee Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa ijaare, nutis akkasuma raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmaa'an amanuu qabna. Gammachuu gad fagoo akkuma Qiiroosiin guutamnee, wangeela Waaqayyo nutti abboome garaa keenya guutuu fi lubbuu keenya guutuudhaan lallabuu qabna.
Akkuma Yesus karaa Fakkeenya Minaa Kurnanii barsiise, warra sagalee Waaqayyoo sodaataniif egeree ulfina qabeessa waadaa galeeraaf: isaan Waaqayyo wajjin bara baraan ni bulchu, mootummaa samii keessatti ulfina bara baraatti gammadaa—bakka siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jirre.
Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. . . .Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.” Mulʼata 21:1–4
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy