Kitaabban 66n Macaafa Qulqulluu karaa fayyisaa dhufuu fi ogummaa dhugaa soba irraa adda baasuu waan of keessaa qabaniif, Waaqayyo Macaafa Qulqulluu irraa waa tokko akka hin daballe ykn akka hin hir’isne, akka jecha Isaa qofatti akka hordofnu nu akeekkachiisa. Waggaa kuma lama dura Yesuus qofti “Bishaan jireenyaa fudhachuuf gara koo koottaa” jedhee iyye, garuu amma bishaan jireenyaa fudhannee jireenya bara baraa argachuuf gara Hafuuraa fi Misirrootti dhufuu akka qabnu nu barsiiseera.
Isaayyaas Waaqayyo ijoollee Isaa gara burqaa bishaan jireenyaatti akka geggeessu raajii dubbateera, Waaqayyo Ahnsahnghong, Hafuura Qulqulluu, raajii Macaafa Qulqulluu hunda kan raawwate, dhala namaa gara Haadha Samii Yerusaalem, Misirroo Hafuura Qulqulluu fi madda bishaan jireenyaatti geessee jira.
Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu. Mul’ata 22:17
Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; . . . Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha. Isaayyaas 49:8–10
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy