Yeroo Ba'uu Israa'elootaatti, guutummaa Gibxii irratti balaan bu'us, Israa'eloota irratti garuu hin buune. Kunis garaagarummaa iddoo kakuu Waaqayyoo qabuu fi hin qabne gidduu jiru ture. Waaqayyo bakka ajajni isaa—Faasikaan kakuu haaraa—eegamutti, sabni isaa yoo galanis yoo ba'anis akka eebbifaman, saboota lafaa hundumaa olis akka isaan qabu abdii guddaa kenneera.
Raajonni Isaayaas, Sefaaniyaa fi Pheexiroos, biyyi lafaa kakuu haaraa isa guyyaa Sanbata Waaqayyoo fi Ayyaana Faasikaa of keessatti hammate waan hin eegneef balaan ibiddaa guddaan lafa kana irratti akka dhufu ragaa ba’u. Ilmi namaa ijoollee Abbaa Kiristoos Ahnsahnghong fi Waaqayyo Haadha ta’ee balaa hundumaa irraa eegumsa Waaqayyoo argachuu akka danda’u kakuu Waaqayyoo eeguu qofaan akka ta’e Macaafni Qulqulluun ragaa ba’a.
Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba. Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas: . . . Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta. Keessa Deebii 28:1–6
“Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘WAAQAYYO maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? WAAQAYYO Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti, ...‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii... Ermiyaas 16:10–11
119 Bundang P.O.Box, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of KOREA
Tel 031-738-5999 Fax 031-738-5998
Head Office: 50, Sunae-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
Main Church: 35, Pangyoyeok-ro, Bundang-gu, Seongnam-si, Gyeonggi-do, Rep. of Korea
ⓒ World Mission Society Church of God. All rights reserved. Privacy Policy